MM Abiy Ahmad: Badhaafamaa Noobelii Nageenyaa waraanaatti seene
15 Waxabajjii 2021
MM Abiy AhmadMADDA SUURAA,AFP
Rifoormii bu'uuraa fiduudhaan maqaan isaanii addunyaarratti beekamee kan turan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, maqaan gaariin sun akka sanaan itti fufuu hin dandeenye.
Ministirri Muummee kunis wayita haalota garaagaraatiin qoramaa jiranitti, erga aangoo qabatanii as filannoosaanii isa jalqabaa gaggeessuuf kunoo guyyotatu hafa.
Hawaasa idil-addunyaan akkaan jaalatamanii yeroo muraasa keessatti ammoo qeequumsi itti heddummaate.
Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti nagaa buusuu isaaniitiif bara 2019 Badhaasa Noobelii Nageenyaa kan argatan Ministirri Muummee Abiy Ahmad, adeemsi isaan deeman kun waraana naannoo Tigraayiin duubatti deebi'eera.
Bara 2018 umurii waggaa 41'tti qabsoo diddaa uummataa taasifameen carraa argametti fayyadamuun aangoo kan qabatan Ministirri Muummee Abiy, fuula ifaa fi anniisaa haaraadhaan uummatatti abdii horanii turan.
MM Abiy Ahmad Itoophiyaa fi Eertiraa walitti araarsuu isaaniif Badhaasa Noobelii Nageenyaa bara 2019 argatan
MM Abiy Ahmad Itoophiyaa fi Eertiraa walitti araarsuu isaaniif Badhaasa Noobelii Nageenyaa bara 2019 argatan
Paartiin MM Abiy keessa turan kan waggoota kurna sadiitti siquuf aangoorra ture Addi Dimokiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa (ADWUI) dhiittaa mirga namoomaa fi cunqursaa raawwachaa tureen akkaan himatamee, himannaa irratti ka'eenis dadhabee hanga harka kennuutti ga'ee ture.
Mormitoota hacuucuu fi gaazexeessitoota dararuun daba ADWUI'n ittiin himatamaa tureedha.
Paartichi guddina diingadee ajaa'ibsiisaa fi saffisaa galmeessisuu himachaa turus uummanni hedduun garuu qoollifatamuu himataa ture.
Haalli kun wayita hammaachaa deemu uummanni baachuu dadhabee mormiisaa dhoose, keessattuu saba guddaa biyyattii kan ta'e Oromoon hiriira mormii gaggeessuun jijjiirama bu'uuraa fide.
Wantoonni MM Abiy waadaa galan har'a yeroo madaalamu
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad eenyudha?
Ergaan MM, aanga'oonni biyyattii adddunyaan ga'aa jiran maalfaadha?
Mormii saba bal'aan aangootti kan dhufan Ministirri Muumee Abiy Ahmad, akkuma aangoo qabataniin gaaffii uummataa deebisuuf dursa kennanii akka hojjetan waadaa seenuun eegalan.
Carraa argatanitti fayyadamuunis hidhamtoota siyaasaa kumaatamatti lakkaa'aman gadi dhiisisan, miidiyaarraa uggura kaasan, paartileen siyaasaa mootummaadhaan dhiibamanii biyya bakkee jiraatan akka gara biyyaa deebi'anis haala mijeessan.
Biyyattiin yeroo jalqabaaf akka pirezidaantii dubartii qabaattuufi dubartoonni kaabinee isaanii keessatti dhiirota waliin carraa walqixa akka qabaatanis hojjetaniiru, yeroo jalqabaaf Ministeera Nageenyaa hundeessaniiru.
Miira deggarsaa...
Milkaa'inni MM Abiy inni jalqabaa Eertiraa waliin nagaa buusuun daangaa banuu ture.
Itti aansuun kutaalee biyyattiirra naanna'uun waa'ee biyya tokkoomsuu lallabuu eegalan.
Falaasama siyaasaa kan mataasaanii-Madamar (Ida'amuu) jedhamu diriirsuun qalbii uummataa hawwatan, kaanitti ammoo bitaa galan.
Garaagarummaa fi heddummina biyyattiif bakka guddaa akka kennan lammiilee biyyattiif waadaa seenan.
Hojii gara jalqabaa hojjetaniin akka malee beekamtii fi jaalala argatan.
Bara 2018 kanneen rifoormii MM Abiy deggeruuf hiriira ba'aa turan kumaa-kitila
MADDA SUURAA,GETTY IMAGES
Ibsa waa'ee suuraa,
Bara 2018 kanneen rifoormii MM Abiy deggeruuf hiriira ba'aa turan kumaa-kitila
Godina Jimmaa Aanaa Aggaaroo ganda oomisha bunaan beekamtu Bashaashaa keessatti, abbaa amantii Islaamaa hordofanii fi haadha amantii Kiristaanaa hordofan irraa dhalatan.
Nama Oromoo ta'uusaaniitiin gaaffii dargaggoota Oromoof xiyyeeffannaa kan turan MM Abiy, biyyattii tokkummaanshee daddaaqamee yaaddoo keessa turte walitti suphu jedhamanii akkaan abdatamanii turan.
Akka aangoo qabataniin wayita biyya keessa naanna'aa turanitti deggarsa uummataa, keessattuu kan dargaggootaa baayyinaan argachaa turan.
Seenaa hooggantoota Itoophiyaa keessatti waan baayyee hin baratamne hawaasatti maxxananii hawaasa keessa deemuu eegalan.
Kun immoo jaalalaa fi amanamummaa isaan fedhan sana dabaleeraaf. Haata'u malee isaanis qaamuma hooggantootaa mormiin irratti ka'ee turan.
Humna waraanaa biyyattii keessatti hanga sadarkaa Leftinaant Koloneelitti tajaajilaniiru.
Boodarrammoo Ejansii Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa (INSA) hundeessuun, achumaanis hoogganaa jaarmiyaa kanaa ta'uun tajaajilan.
Achiin booda Ministira Saayinsii fi Teeknloojii ta'an.
line
Baroota murteessoo MM Abiy
1976: Abbaa Oromoo amantii Islaamaa hordofanii fi haadha Amaara amantii Kiristaanaa hordofan irraa dhalatan
1990: Dargii irratti duuluuf humna waraanaa biyyattiitti makaman
2016: Ministira Saayinsii fi Teeknooloojii ta'an
2017: Barnoota Nageenyaa (Peace and Security)'tiin Yuuniversitii Finfinnee irraa digirii sadaffaa (PhD) argatan
2018: Ministira Muummee ta'an
2019: Badhaasa Noobelii Nageenyaa argatan
2020: Waraanni Tigraay keessatti eegale
line
Galaanni deggarsaa miira gammachuu fi xiiqiitiin wayitasaan gara aangootti dhufan addunyaatti raajii ta'aa ture sun osoo hin turin darbee, muddamni bara mootummaa abbaa hirree sun suuta suuta deebi'uu eegale.
Kutannoon isaan biyya tokkummeessuu fi garaagarummaa keessummeessuuf qaban qormaata keessa gale.
Walitti bu'iinsi sabootaa fi haleellaan saba adda fooyuun raawwatamu taatee biyyattiin itti beekamtu ta'uu eegale, kumaan kan lakkaa'aman haala kanaan lubbuu dhabaniiru.
Bara 2019 keessa qofa namoonni miiliyoona lamatti siqan kutaalee biyyattii garaagaraa keessaa qe'eesaaniirraa buqqa'uun bakka biraatti baqataniiru.
Taateen bulchiinsa MM Abiy qormaata keessa galche inni ijoon kan biraan ammoo galaafatamuu namoota bebbeekamoo biyyattiiti.
Haalli bulchiinsota duraanii keessatti hin baratamne kun saffisaa fi baay'inaan bara bulchiinsa MM Abiy raawwateera.
Bulchaa naannoo Amaaraa fi Hoogganaa waraana biyyattii dabalatee aanga'oonni mootummaa sadarkaa olaanoo fi giddugaleessaa hedduun ajjeefamaniiru.
MM Abiy haala humnaa ol itti ta'e kanarra aanuuf jecha hacuuccaa fi dararaa bulchiinsa duraa fayyadamaa turetti deebi'an.
Bilbilaa fi intarneetiin yeroo hedduu cufamaa ture.
Nama shakkine jechuun heddumminaan mana hidhatati ukkaamsuun, murtii seeraa malee mana hidhaa tursuun akkasumas kan manni murtii mirga wabii eegeef mana hidhaatti deebisanii gidirsuun akkaan babal'atee jira.
Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa
Erga Aartist Hacaaluu Hundeessaa magaalaa Finfinnee keessatti ajjeefamee ammoo haalli siyaasaa fi nageenya biyyattii daran qormaata keessa gale.
Dhibdeen saboota gidduu fi tarkaanfiin hidhattoota mootummaa akka malee sodaachisaa ta'ee itti fufe.
Ajjeechaa Hacaaluu booda mormii dhalateen bakkeewwan garaagaraatti lubbuun namoota hedduu badeera, qabeenyaan barbadaa'eera, magaalaa Finfinnee keessatti qofa namni 200 caalu du'uutu gabaafame.
Taatee kana booda miseensonni paartilee mormitootaa hedduun mana hidhaatti darbamaniiru.
Isa boodas miseensota paartilee siyaasaa adamsanii hidhuufi waajjiraalee cufuun komii bal'inaan ka'aa tureedha.
Xinxaltoonni siyaasaa fi rogeeyyiin Oromoo dhimma kanarraa ka'uun MM Abiy morkattoota isaa naannoo Oromiyaa keessaa balleessaa jira jechuun himachuu eegalan.
Ajjeechaa Haacaaluu booda maaltu ta'e?
'Maatiin adeemsa kanaan dhugaan Haacaaluu ni baha jedhee hin yaadu' - Sisaay Hundeessaa
Maqaa gaarii MM Abiy argatanii turan caalaa kan balleesse garuu dhimma naannoo Tigraayiin walqabatee tureedha.
Bara 2019 wayita ADWUI diiganii paartii tokko, paartii Badhaadhinaa, ijaaranitti TPLF irraa mormii cimaan isaan mudate.
Paartilee afur irraa kan ijaarame paartiin ADWUI waggoota kurna saditti siquuf olaantummaa TPLF'n bulaa ture.
TPLF aangoosaatti bu'amaa jiraachuu wayita hubatu paartii haaraa MM Abiy uumanitti seenuurraa of qusachuu eegale.
Gaafa TPLF diddaasaa itti cichee xaxatee bakka dhalootasaa Tigraayitti galu, yeroo sanarraa eegalee mootummaa fi Tigraay gidduutti mudaamni hammaachuu eegale.
Qoccolloon haala kanaan eegale waraana naannoo Tigraay keessatti lammiilee hedduu galaafateef sababa ta'eera.
Mootummaan MM Abiy waraana sanaan tarkaanfii seera kabachiisuuti jechuun addunyaa amansiisuu barbaada.
Sanas ta'u kana waraana sana keessatti miidhaan lammiileerra ga'e addunyaarraa himannaa guddaa kaasiseera.
Wayita waraanni eegalerraa jalqabee mootummaan miidiyaa fi Intarneetii akkasumas bilbila waan uggureef odeeffannoo argachuun hin danda'amu ture. Boodarra garuu wayita hunduu banamau addunyaan qorannoo jalqabde.
Waan argan irratti hundaa'uudhaan mootummaa MM Abiy akkaan qeequu fi himachuu eegalan.
Konkolaataa waraanaa barbadaa'ee qarqara daandii Magaalaa Maqalee geessuurra, Guraandhala 26, 2021
MADDA SUURAA,AFP
Shororokeessitoota irratti duuluu keessatti michuu Itoophiyaa cimtuu kan turte US qaamolee waraana sana keessatti hirmaachuun lammiilee dararan irra dhorkaa viizaa kaa'uu ibsiteetti.
Deggarsa damee nageenyaatiif taasifamus akka addaan kuttu himteetti.
Tarkaanfiin kun MM Abiy waggaa sadi dura akkamiin akka ilaalamaa turanii fi amma ammoo ilaalchi addunyaan isaaniif qabdu eessarra ga'ee akka jiru agarsiisa.
Qeeqa irratti ka'u
Dhiibbaan biyyoota alaa filannoo MM Abiy yeroo duraaf gaggeessuuf jedhanis qorumsa keessa galcheera.
Mootummaan bara darbe filannoo dabarsuunsaa aangoosaa dheereffachuudhaafi jedhanii kan qeeqan hedduu turan.
''Namoonni Oromoo ta'anii MM Abiy deggeraa turan hedduun yeroo ammaa itti garagalaniiru,'' jedhu xiinxalaan lammii Itoophiyaa biyya Noorway jiraatan Adam Abbaba.
Tigraay keessaa ammoo jalqabuma yeroo MM aangootti dhufan iyyuu deggarsi hedduun godhamaafii hin turre.
''Shakkiin isaan irraa qaban boodarra wayita haalli hammaatee waraanni irratti labsamu gara jibbiinsaatti geeddaramee jira,'' jedhan.
Deggarsa guddaan MM Abiy yeroo ammaa qaba jedhamu saba Amaaraa irraa yoo ta'u, sabni kunimmoo naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz keessatti sabummaa isaan foo'amee ajjeefamaa fi qe'eerraa buqqifamaa turuu himata.
Filannoodhaan walqabatee wayita mormitoonni dorgomuu danda'an hedduunsaanii mana hidhaa kaan ammoo filannoocharratti hirmaachuu didanii keessaa ba'anii jiranitti, paartiin MM Abiy filannocha si'oominaan eeggataa jira.
''Ilaalchi namni MM Abiy Ahmadiif qabu yeroo gabaabaa kana keessatti dafee kan jijjiirameef, waadaa fi eenyummaa sobaa isaan jalqabarratti mul'isaa turan irraa madda,'' jedhan Obbo Adam.
Maddi: BBC AFAAN OROMOO
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57465571
Comments
Post a Comment